Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Ejensii Anniisaa Haareffamaa Abu Daabiitti gaggeeffamu eegale

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)- Yaa’iin Ejensii Anniisaa Haareffamaa Gamtaa Emereetota Arabaa Magaalaa Abu Daabiitti gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’iicharratti Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Injinar Habtaamuu Ittafaa, Gamtaa Emereetota Arabaa Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Umaar Huseen fi Dippiloomaatonni Embaasichaa hirmaachaa jiraachuun ibsameera.

Yaa’iichan mariin paanaalii fi ibsi biyyoota miseensaa ni dhiyataan kan eegamu ta’uun ibsameera.

Yaa’iichi guyyoota 2’f kan turu yoo ta’u, anniisaa hareeffamaa fi jijjiiramaa qabeenya qilleensaarratti, gabaasni dhiyaachuun irratti kan mari’atamu ta’uu ragaan Gamtaa Emereetota Arabaatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.