Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Hoggantoota Ameerikaa-Afrika gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC)- Yaa’iin Hoggantoota Ameerikaa-Afrika Washingitanitti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi Afrikaa fi Ameerikaan hariiroo daldalaa fi invastimantii waloo cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti xiyyeeffachuun kan mari’atu ta’uun ibsameera.

Oolmaa guyya a har’aatiinis, damee bizinasiirratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, Hoji Raawwachiistotaa Dhaabbilee Afrikaa fi Ameerikaa 300 olii fi hoggantoonni seektara dhuunfaa akka hirmaatan ragaan Odeeffannoo Biyyaalessaa Mootummaa Ameerikaarraa argame ni mul’isa.

Yaa’ichi damee fayyaan, bu’uuraalee misoomaa, dhiyeessii humnaa, qonnaa fi daldala qonnaarratti xiyyeeffate akkasumas damee dijitaalaa jajjabeessuuf invastimantiiwwan gaggeeffaman irratti ni mari’ata jedhameera.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimadis yaa’ichaarratti hiramaachaa jiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.