Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin nageenya bishaanii fi misooma waaraa 2ffaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2012 (FBC) – Yaa’iin nageenya bishaanii fi misooma waaraa 2ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Biyyoota shanitti hojiirra kan oolu proojaktiin nageenya bishaanii fi misooma waaraa, yaa’ichaan Ityoophiyaa dabalatee Biriitaaniyaa, Kolombiyaa, Hindii fi Maleezhiyaan hirmaachaa jiru.

Yaa’ichi guyyaa sadiif kan turu yoo ta’u, nageenya bishaanii fi misooma waaraa buusuurra darbee dhimmoota hojjetamuu qaban irratti ni mari’atama.

Yaa’ichi Yuunvarsiitii Finfinneetti qindeessumaa qabeenya lafaa fi bishaaniin gaggeeffamaa jira.

Yaa’iin jalqabaa Maleezhiyaatti gaggeeffameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.