Fana: At a Speed of Life!

Yakkamtoota Finfinnee galchuu fi biyya alaa baasuuf namoonni tattaafatan to’ataman

Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Naannawaa garaagaraatii yakkamtootaa fi shororkeessitoota gara Magaalaa Finfinnee galchuu fi seeraan ala yakkamtootaa biyyaa baasuuf namoonni tattaafataa turan to’annoo jala ooluun ibsameera.

Namoonni kunneen hordoffii Dameen Tikaa Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Poolisii Magaalichaa waliin ta’uun hordoffii taasisaa turaniin ta’uu ragaan waajjiricharraa argame ni mul’isa.

Kutaa Magaalaa Araadaa naannawaa Gamoo Kaliifaatti hordoffii taasisameen namoonni kunneen karoora isaanii milkeessuuf waraqaa eenyummaa seeraan alaa, chaappaa fi sanadootaa mootummaa federaalaa fi sanadoota imalaa qopheessaa akka turaan akkasumas, Doolaara qabatanii wayita socho’an namoonni 6 to’atamaniiru.

Shakkamtoonni to’ataman kunneen, Tsaggaayee Kaasaa, Iskandiir Malaakuu, Sa’iid Alii, Gaashanaa Galgaluu, Idiriis Addaam, Abubakar Ahimad, kanneen jedhamaniidha.

Poolisiinis namoota kanneen to’achuun qorannoo dabalataa gaggeessa jiraachuun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.