Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Riiftii Vaalii Kaampaasii Dirree Gafarsaa maqaa Aartist Haacaaluu Hundeessaatiin moggaase

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Yuunivarsiitiin Riiftii Vaalii Kaampaasii isaa Dirree Gafarsaa maqaa Aartist Haacaaluu Hundeessaan moggaasuu beeksise.
Maqaa Kampaasii Dirree Gafarsaa maqaa Aartist Haacaaluu Hundeessatti jijjiiruun seenaa Aartistiin kun hojjechaa ture akka hin dagatamnee fi bara baraan akka yaadatamuuf jedhan Preezidaantiin Yuunivarsiitii Riifti Vaalii Dooktar. Abbabaa Gammachuun.
Hojiin Aartist Haacaaluu Hundeessaa yeroo hundaa laphee ummata Oromoota mara keessa jiraata jedhan.
Hogganaan Paartii Kongireesii Feederaalaawaa Oromoo Piroofeesar Mararaa Guddinaan, Aartist Hacaaluun akkuma gootota Oromoo biroo seenaa Oromoof hojjateenii maqaan isaa ni yaadatamaa jechuun ibsaniiru.
Sirnicharratti maatii, jaalattoonni, hayyoonni, dargaggoonnii fi barattoonni Yuunivarsiitii Riifti Vaalii argamaniiru.
Sirnicharratti sirni duungoo gaggeeffamuu OBN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.