Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiiwwan barattoota qormaata kutaa 12ffaa fudhatan simachaa jiru

Finfinnee, Fulbaana 26, 2015(FBC)- Yuunivarsiitiiwwan garaagaraa barattoota qormaata kutaa 12ffaa fudhatan simachaa jiru.

Akka sagantaan qormaataa bahe mul’isutti qormaanni kutaa 12ffaa Fulbaana 30, 2015 ni eegala.

Qormaanni kutaa 12ffaa yuunivarsiitiiwwanitti akka kennamuuf murtoo darbe hordofee barattoonni qormaaticha fudhachuuf gara yuunivarsiitiiwwan itti ramadamanii galuu jalqabaniiru.

Haaluma kanaan yuunivarsiitiiwwan Jimmaa, Dambii Doolloo, Dirree Dawaa, Haramaayaa, Walloo, Goondar, Samaraa, Diillaa, Waldiyaa, Baahirdaar, Dabara Taaboor, Boongaa, Jigjigaa barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan simachuu eegalaniiru.

Simannaan barattootaa guyyoota itti aananitti itti fufa jedhameetu eegama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.