Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa barattoota damee fayyaa fi maandisummaan eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 24, 2012 (FBC)- Yuunivarsitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa barattoota damee fayyaa fi maandisummaan leenjisaa ture 502 eebbisiise.

Yuunivarsitiichi damee barnoota maandisummaa fi fayyaan barnoota digrii lammaffaa fi tiveetiin leenjisaa ture eebbisiiseera.

Sirna eebbicharratti Eetaamaajoorri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Adam Mahaammad argamaniiru.

Yuunivarsitiichi waggoottan 19 darbaniif damee barnoota maandisummaa, fayyaan, bulchiinsa qabeenya barattoota barsise eebbisisaa turuu kan ibsame yoo ta’u, guyyaa har’aas kan eebbifaman dabalatee waaligala hanga ammatti barattoota 9,856 eebbisiisu beeksiseera.

Tiziitaa Dassaalinyitu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.