Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Haramayaa woorkishooppii marii qorannoo, ekisteenshinii fi hirmaana Hawaasa gaggeessaa jira

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC) – Yuunvarsitiin Haramayaa woorkishooppii marii qorannoo, ekisteenshinii fi hirmaana hawaasa marsaa 37ffaa fi 38 hojjetamaa turan irratti waltajji gaggeessa jira.

Yuunvarsiitichi hojiiwwan baruu fi barsisuu cinati hojiiwwan taajajila hawaasaaf oolan qorannoon deegaruu waggootan lamaf hojjetaa ture irratti waltajii marii qopheessera.

Mariin kun guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu yemmuu ta’u marii kanarratti qorannooleen waggootaan lamaan darbaniif wiirtuulee qorannoo yuunvarsiitichaa keessatti qorattootaan gaggeeffamaa turan ni dhiyyatus jedhamee eegama.

Keessattu qorannooleen woorkishooppii Kanarratti dhiyaatan Qorannoolee hunda galeessaa fi kallattii garaagaraan gaggeeffamaa turan kan of keessatti hammattedhas jedhamee jira.

Marii gaggeeffamaa jiru kanarratti Preezdaantiin Yuunivarsiitii Haramaayaa Dookatr Jamaal Yusuuf dabalatee Qorattoonni yuunivarsiitichaa fi Bulchaan Godina Harargee Bahaa obbo Huseen Fayyisoo

Yuunvarsiitiin Haramaya ministera qonnaa fi qabeenya uumama fi kanneen biroo waliin ta’ uu qonnan bultoota Harargee Bahaa fi naannawaa isheef sanyiiwwan gosa gargaraa qorannoon deeggaraman dhiyyeessaa turee Dookatr Jamaal Yusuuf ibsaniiru.

Itti aanaa Preezdaantii Yuunvarsiitii Haramaaya Proofesera Mangistu Urgee agama isaanii Yuunvarsiitiin Haramayaa hojii baruufi barsiisuu cinatti hojiiwwan misooma hawaasaf oolan hojjeta jira jedhan.

Itti aanaan preesdaantii fi daayreektarii qorannoo fi qo’ annoo yuunivarsitii Haramaaya Dooktar Tasfaaye Lamaa gamaa isaan, kaayyoo waltajjii marii kana, hojiiwwan waggootan lamaaf hojjetaa ture cimina fi hanqina jiru adda baasuf yaadameeti jedhan.

Gammachuu Beekumatu fi  Hinkoosaa Abdiisatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.