Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Jimmaa Artiist Haacaaluu Hundeessaaf sirna yaadannoo qopheesse

Finfinnee, Adoolessa 29, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitiin Jimmaa gootaa sabaa Artiist Haacaaluu Hundeessaaf sirna yaadannoo qopheessuu beeksise.
 
Artiist Haacaaluu Hundeessaa sagalee Abdii, tokkummaa, nagaa fi haqaa kan ture ta’uu qophicharratti ibsameera.
 
Qophichi mata duree “Mul’ata Haacaaluu Hundeessaa galmaan ga’uuf Ga’ee keenya ni baana” jedhuun gaggeeffameera.
 
Yuunvaristiin Jimmaa leegaasii Haacaaluu Hundeessaa itti fufsiisuuf murteewwan adda addaa dabarseera.
 
Giddu gala siiviikii Yunvarsiitii Jimmaa duraanii Giddu Gala Siiviikii Haacaaluu Hundeessaatiin kan moggaasse yoo ta’u .hojii kalaqaa jajjabeessuuf barnoota Iskoolaarii “Hacalu talent scolarship” eegalsiisuuf ta’uu ibsameera.
 
Akkasumsa hojii Ogummaa Aartii guddisuuf Faawundeshinii Haacaaluu Hundeessaa hundeessuu fi barrruu dhaabbata qorannoo Oromoo”Geda Journal” jedhu irratti qorannoowwan Haacaaluu Hundeessaa irratti xiyyeeffatan addatti akka maxxanfaman taasisuuf ta’uus ibsameera.
 
Mariiwwan adda addaa maqaa Hacaaluu Hundeessaatiin sadarkaawwan garaa garaatti akka qophaahan murteesseera.
 
Akka waajjirri koomiiniikeeshiinii godina jimmaa beeksiseetti barreeffamootni seenaa Haacaaluu Hundeessaa irratti xiyyeeffatan mariif dhiyaachaa jiraachuu ibsameera.
 
Sabaaf dhalatee sabaaf kan warreeggame motarri qabsoo Oromoo Artiist Haacaaluu Hundeessaa erga lubbuun isaa dabrbee guyyoota 40 ta’eera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.