Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Jimmaa barattoota sababa rakkoo nageenyaan barnoota isaanii adda kutan 780 simate

Finfinnee, Sadaasa 27, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Jimmaa barattoota sababa rakkoo nageenyaan barnoota isaanii adda kutan 780 simachuu beeksiise.
Yuunvarsiitichi barattoota Yuunvarsiitii Aksum, Maqalee fi Adda Giraatiitti barnoota isaanii hordofaa turuun sababa rakkoo nageenyaa barnoota isaanii adda kutan 780 simachuu isaa ibseera.
Barattoota kanneeniif bakka Abbootiin Gadaa, Amantaa, Haadholiin Siinqee fi jaarsoliin biyyaa argamanitti simannaan taasiifameefira.
Hawaasa yuunvarsiitichaa waliin ta’uun barattoota kanneenniif deeggarsi barbaachisu kan taasiifamuuf ta’uu Itti aanaa Preezdaantiin Dhimmoota Akkaadaamii Dooktar Taaddasaa Haabtaamuu fi Itti aanaa Preezdaantiin Bulchiinsaa fi tajaajila Barattootaa Dooktar Qananiisaa Lammii ibsuu ragaan Yuunvarsiitii Jimmaarraa argame ni muuil’isa.
Barattoonni Yuunvarsiitiwwan eeraman keessatti barachaa turuun sababa rakkoo nageenyaan barnoota isaanii adda kutan Yuunvarsiitiiwwan birootti ramadamuun barnoota isaanii akka itti fufan murtoo Ministeerri Barnootaa dabarse hordofee dhaabbilee barnootaa olaanoo kutaalee biyyattii garaagaraatti ramadamuun kan yaadatamuudha.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.