Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Jimmaa hojiiwwan qorannoo gaggeessuuf Yuunvarsiitiiwwan garaagaraa waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Jimmaa hojiiwwan qorannoo gaggeessuuf Yuunvarsiitiiwwan garaagaraa waliin waliigaltee mallatteesseera.
Kaayyoon waliigaltichaa Ijoon hojiilee qorannoo waloon gaggeessuu, Tarsiimoo sirriin hojiirra oolchuu, bu’aa olaanaa fiduu fi walitti hidhamiinsa Indaastirii uumuuf ta’uu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaafiixaa ibsaniiru.
Keessattuu baasii xiqqeessuu, qabeenya waloon fayyadamuu, irra deddeebii qorannoo hambisuu fi qorannoo rakkoo hiikanii fi guddina biyyaaf shoora olaanaa qaban hojjechuuf kan fayyadu ta’uu eeraniiru.
Waliigaltichaaf moggaafni ‘Waliigaltee Sokorruu’ jedhamu kan laatame yoo ta’u, Yuunvarsiitiin Jimmaa Yuunvarsiitiiwwan Qorannoo gaggeessan hunda, Kilaastera Jimmaaf dhiyeenya qaban, giddugalawwan qorannoo fi dhaabbilee biroo waliin waliigalticha mallatteessuu ibsameera.
Sagantaan marii Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo dhimmoota garaagaraarratti Yuunvarsiitii Jimmaatti guyyoota lamaaf gaggeessaa ture dhaabbii biqiltuu fi figicha daandirraa qorannoof nan fiiga jedhu gaggeessuun xumuramuu ragaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoorraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.