Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Jimmaa meeshaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dandeessisu haaraa ifoomse

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC ) –  Yuunvarsiitiin Jimmaa meeshaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tajaajilu ‘Altiraa Vaaywuleetti Yuubii’ jedhamu ifoomse.

Meeshaan yuunvarsiitichaan hojjetamu kun moodeela 3 kan qabu yoo ta’u, Hospitaaloota, kutaalee manneen barnootaa, Galmawwanii fi meeshaalee tajaajilaaf oolan biroo yeroo gabaabaa keessatti karaa keemikaalarra bilisa ta’een vaayrasicharraa qulqulleessuuf kan dandeessisuudha jedhame.

Akka EBCn gabaaseetti, yuunvarsiitichi yeroo ammaa barnoota eegaluuf kutaalee daree barnootaa, manneen kitaabaa fi doormiwwan ittiin qulqulleessaa jira.


Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.