Fana: At a Speed of Life!

Proojektiin Addabaabayii Masqalaa har’a ni eebbifama jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2013 (FBC) – Birrii biiliyoona 2.5 oliin kan ijaarrame Proojektiin Addabaabayii Masqalaa har’a ni eebbifama jedhame.

Proojektichi ijaarsa daandii hand Mana qopheessaa magaalaa Finfinneetti jiru kan hammate ta’uu ibsameera.

Ijaarsi proojektichaa waggaa tokko keessatti kan xummurame ta’uu hojii gaggeessan proojektoota gurguddaa magaalaa Finfinnee Injiinar Shimallis Isheetuun ibsaniiru.

Proojektiin Addabaabayii Masqalaa lafa jalatti konkolaattoota kuma 1 fi 400 keessummeessuu danda’a jedhame.

Baatii Waxabajii 2012 kan eegalame Proojektiin Addabaabayii Masqalaa suuqiwwan 35, kutaalee qulqullina 140, kutaalee qaama dhiqannaa 20, liiftiiwwan Ammayyaa 6 fi biiroolee tajaajila laatan kan guuttate ta’uu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii Magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.