Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Iiraan waliin nan mari’adha jette

Finfinnee, Muddee 30, 2012 (FBC) –Ameerikaan haal duree tokko malee Iiraan waliin marii taasisuuf qophii ta’uun ishee himameera.

Ameerikaan xalayaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif barreessiteen ajjeechaan Jeneraal Qaasiim Suleemaaniirratti raawwatame badii qaqqabuu malu ofirraa ittisuuf kan kaayyeffate ta’uu beeksisteetti.

Iiraan ejjeechaa Jeneraal Suleemaanii haloo ba’uuf loltoota Ameerikaa Iiraaq keessatti argaman irratti misaa’eloota dhukaaftus miidhaan qaqqabsiifte akka hin jirre ibsameera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ameerikaa mirga Doonaald Traamp Iiraan irratti waraana labsuuf qaban dhoorkuuf sagalee laachuuf beellama qabateera.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Ambaasaaddarri Ameerikaa Keelii Kiraaft xalayaa Ameerikaan  Mana Maree Nageenyaaf barreessite ilaalchisee ibsa laataniin, Ameerikaan nageenyaa fi tasgabbii idil addunyaaf jecha marii kamiifuu qophiidha jedhaniiru.

Tarkaanfiin fudhatame nageenya lammiilee fi fedhii Ameerikaa kabachiisuuf akka ta’e ibsuun, ammas sana kabachiisuuf tarkaanfii barbaachisaan kan fudhatamu ta’uu eeraniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Iiraan Majiid Taakt Raavaanjiin gama isaanitiin Iiraan qoqqobbii diinagdeetin miidhamaa, yaadni Ameerikaan yaa mari’annuun dhiyeessite amanamummaa kan hin qabnedha jedhaniiru.

Maddi:-BBC

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.