Fana: At a Speed of Life!

Dooniin Waraanaa Raashiyaa Galaana Gurraacha keessatti dhidhimte

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) – Dooniin Waraanaa Raashiyaa Galaana Gurraacha keessatti dhidhimuu gabaafameera.
Dooniin Waraanaa Mooskoov jedhamuun beekkamtu Misaa’eela Raashiyaa baattu dhidhimuu kan dandeesse Rasaasni baattee turtee dhoo’uu isaa fi kutaaleen keessaa Doonittii Ibiddaan miidhamuu isaan ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisaa Biyyattii beeksiiseera.
Hojjettoonni Doonittii Dooniwwan dhiheenyatti argamanitti dheeffuun balichaarraa hafuu isaanii himameera.
Dooniin waraanaa kun suphaaf wayita imala eegalteetti walakkaa ga’uun dhidhimuu ishee ibsameera.
Yuukreen gama isheen Doonii Waraanaa Raashiyaa misaa’eel rukutuun akka dhidhimtu taasiiseera jettus, Ameerikaan ammoo Dooniittiin dhidhimuu ishee hanga ammaatti hin mirkaneeffanne jetteerti.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.