Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun jila Sudaan Kibbaa simachuun dubbisan

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) –Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargachaw jila Sudaan Kibbaa waajjira isaanitti simachuun dubbisaniiru.
 
Obbo Gadduun jila Sudaan Kibbaa Ministira Ministeera dhimmoota Preezdaantummaa biyyattii Niyaal Deeng Niyaaliin durfamu waliin mari’ataniiru.
 
Haala biyyoonni lameen walitti hidhamiinsaan bu’uraalee misoomaa kanneen akka daandii fi elektirikaa waliin misoomsuu danda’anirratti mari’ataniiru.
 
Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa wal qunnamsiisuuf waliigaltee kana dura riqaalee, daandiiwwanii fi keellawan waliin ijaaruuf waliif mallatteessan hojiitti hiikuuf walii galaniiru.
 
Dabalataan proojaktii daandii Gaambeellaa – Akoobooboor Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa walquunnamsiisuu qindoominaan hojjechuu haala dandeessisuurratti marii gaggeessaniiru.
 
Obbo Gadduun hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf jila Sudaan Kibbaa waliin wal arguun marii taasiisuu isaaniitti gammaduu eeraniiru.
 
Niiyaal Deeng Niiyaal gama isaaniin biyyoonni lamaan proojaktoota misoomaan wal quunnamsiisuun adeemsa hariiroo guddina diinagdee eegalame ariifachiisuuf carraa kan uumu ta’uu dubbataniiru.
 
Jilli Sudaan Kibbaa Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Sudaan Kibbaa Daanay Chaagor dabalatee aanga’oota biyyattii hedduu kan of keessatti hammate ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI irraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.