Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Jigjiigaa barattoota kuma 2 fi 600 ebbise

Finfinnee, Hagayya 2, 2013 (FBC)- Yuunivarsiitiin Jigjiigaa Damee barnootaa garaagaraatiin barattoota kuma 2 fi 600 barsiisaa ture ebbise.
Saganticha irratti Pireezadaantiin Itti aanaa Naanno Soomaalee Obbo Musxafee Mahaamd, Dhudhaa waliin jireenyaa Itoophiyaanonni qabnu itti fuufsiisufi hanqinoota jiran sirreessun gamtaan hiyyummaa fi dubatti haafumma irraa adda bahun biyya sabdaneessa tokkummaa ishee cime ijaaruuf wal haagargaarru jedhan.
Barattonni turtii isaanitiin beekumsa horatan, garaagarummaa irra tokkummaa,Jibbinsa irra jaalala cimsuuf hundu akka hirmaatu Obbo Musxafeen waamicha kan dhiyeessan.
Pireezadaantiin Yuunivarsiitii Jigjjigaa D.r Bashiir Abduulahi, Ebbifamattonni damee hojii irratti hirmaatan keessatti hojmaata badaa irraa fagaachuun guddina biyya isaaniif akka hojjetan waamicha dhiyeessaniru.
Bisraat Mallasatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.