Fana: At a Speed of Life!

Awustiraaliyaatti daa’imni umurii waggaa 6 bineensota bosonaa bararuuf maallaqa walitti qabaa jira

 

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Awustiraaliyaatti daa’imni umurii waggaa 6 bineensota ibidda bosonaa irraa baraaruuf faaya garagaraa hojjetee gurguru dubbii ijoo ta’eera.

Daa’imni kun hojii isaa kanaan Doolara Ameerikaa kuma 20 walitti qabuu danda’eera.

Ameerikaa Maasaachuseetis kan jiraatu daa’imni Owin Koolii jedhamu kun haadha isaa waliin mari’achuun faayota supheerraa hojjechuun gurguraa jira.

Daa’imni kun bineensota balaa ibidda bosona Awustiraaliyaa keessatti miidhamaa jiraan baraaruuf namoota Doolaara Ameerikaa 50 eegalee deeggersa taasisaniif faayoota hojjete gama maatii isaaniin laata jedhame.

Halumaan kanaan Owin torbee tokko keessatti Doolora Ameerikaa kuma 20 walitti qabu dubbateera.

Owin hiriyoota isaa waliin Faayoota garagaraa 55 hojjechuu dubbateera.

Balaa ibidda bosona Awustiraaliyaatti qaqqabeen bineesonni heddun kan miidhaman yoo ta’u, Biiliyoonni 1.25 ol du’aniiru.

Maddi:- CNN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.