Fana: At a Speed of Life!

Maddi Vaayirasii Kooroonaa Bofa ta’uu danda’a jedhame

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Maddi Vaayirasii Kooroonaa gosa Bofaa ‘Kireet’ fi ‘Koobraa’ jedhaman ta’uu akka danda’u ibsame.

Maddi vaayirasii haaraa qaama hargansuu namaa miidhuun ariitiin du’aaf nama saaxilu tibbana chaayinaatti argamee, gosa Bofaa baayy’inaan giddugala chayinaa fi Lixa Ardii Eeshiyaatti argamuu ta’uu danda’a jedhame.

Dhibeen kun dhuma baatii Sadaasaa bara Faranjoota 2019 giddugala Chaayinaa bulchiisa wiiyaanitti kan mul’ate yoo ta’u, ariitiin kutaa biyyaatti biroo fi biyyoota garagaraatti babal’achaa dhufee jira.

Dhibeen kun Ameerikaa fi biyyoota addunyaa garagaraatti babal’achaa kan jiru yoo ta’u, Chaayinaan magaaloota dhibichi keessatti mul’atan guutumaan guutuutti baballi isaanii akka cufamu gootee jirti.

Vaayirasiin kun Vaayirasii waggoottan 17n darbaniif giddugala Baha Eeshiyaatti lubbuu namoota hedduu galaafataa ture ta’uu saayintistoonni Chaayinaa qorannoo gaggeessaniin irra ga’aniiru.

Dhaabbanni Fayyaa Idila Addunyaas vaayirasii haaraa ‘Kooroonaavaayirasii’ jechuun maqaa moggaaseefii jira.

Dhibicha too’achuuf koreen yeroo ariifachiisaa fayyaa hawaasaa hundaa’uu isaa daayreekteerri  jeneraalaa Dhaabbata Fayyaa Idila Addunyaa Dooktar Teewediroos Adhaanoom beeksisaniiru.

Dooktar Teewediroos dhibicha to’achuuf tarkaanfiin Chaayinaan fudhachaa jiru gaarii ta’uu ibsuun, dhibichi daraan osoo hin babal’atin hojiin to’achuu fi ittisuu xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Hanga guyyaa kaleessatti namoota 571 dhibichaan qabaman keessa namoonni 17 du’uu fi namoonni 393 ammoo haaraan qabamuu Komishiniin Fayyaa Biyyaaleessa Chaayinaa beeksiseera.

Lammiileen Taayilaand, Jaappaan, Kooriyaa Kibbaa, Taayiwaanii fi Ameerikaa walii gala namoonni 8 dhibee kanaan qabamuu ibsameera.

Maddi:-WHO,CNN fi Reuters

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.