Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Gamtaa Awurooppaa damee fayyaaf deeggarsa taasisu cimee akka itti fufu ibse

Finfinnee, Ebla 15, 2016(FBC)- Itiyoophiyaattii sirna fayyaa hinraafamne dhugoomsuu fi waliingahiinsa fayyaa hundagaleessa fooyyessuuf deeggarsa barbaachisaa akka taasisu Komiishiniin Gamtaa Awurooppaa beeksise.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqidas Dhaabaan jila Komishinii Gamtaa Awurooppaa waliin dhimmoota waloon hojjetanirratti mari’ataniiru.
Marichaanis Dooktar Maqidas Komishiniin Gamtaa Awurooppaa damee fayyaa cimsuuf hojjechaa jiraachuun jajjabeessaa ta’uu kaasanii, deeggarsa taasifamaa jiruufis galateeffataniiru.
Sirna fayyaa hinraafamne ijaaruuf, haleellaa koorniyaa ittisuu fi deebii fayyaa barbaachisaa kennuuf, sirna koorniyaa damee fayyaa keessatti hammachiisuu, tajaajila wal’aansa fayyaa sammuu qaqqabamaa taasisuu, leenjiin ogeeyyii fayyaa ga’umsoo akksumas dhaabbilee walitti bu’iinsaan manca’an deebisanii ijaaruun hojiilee hojjetamaanirratti gamtichi tumsa akka taasisu gaafataniiru.
Itti Gaafatamaan Komishinii Gamtaa Awutooppaa Roobertoo Shiliiroo gama isaaniin, dhabbanni isaanii waggoota dheeraaf damee fayyaa tumsuun hojiilee bal’aa hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.
Sirna fayyaa hinraafamne dhugoomsuu fi waliingahiinsa fayyaa hundagaleessaa gama fooyyessuun deeggarsa barbaachisa akka taasisus mirkaneessaniiru.
Pirojektoota gamtichi tumsu saffisaan gaggeessuuf, fooyya’iinsa jirus itti dhiyeenyaan gamaaggamuuf hojmaataa barbaachisu hojiirra oolchuun murteessaa ta’uu eeruu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Damee dhuunfaa ga’oomsuu fi hirmaachisuuf ministeericha waliin ta’uun hojiilee bal’aa hojjechuuf fedhii qaban eeraniiru.
Dhaabbilee sababa walitti bu’iinsaan manca’an deebisanii ijaaruuf haleellaa koorniyaa ittisuu fi sirna koorniyaa hammachiisuuf akkasumas ogeeyyii fayyaa gama ga’oomsuun xiyyeeffannaan akka hojjetan beeksisaniru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.