Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Finfinnee muudama dhiyaatef raggaasise

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Manni Maree Magaalaa Finfinnee muudama dhiyaatef raggaasise.
 
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan muudamtoota kaadhimamoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee, Mana Maree Finfinneef dhiyeessuun raggaasifatan.
 
Muudamichis miseensota mana marichaa walga’iirratti argaman 89 keessaa deeggarsa 79, mormii 3, kan sagalee hin laanne 7 ragga’eera.
 
Haaluma kanaan;
1/Injiinar Indaawwaq Abbixee; sadarkaa itti aanaa kantiibaatti qindeessaa Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajila Mootummaa,
 
2/Injiinar Sannaayit Daamxaw; hoggantuu Biiroo Misooma Manneenii,
 
3/ Aadde Najiibaa Akmal; hoggantuu Biiroo Faaynaansii,
 
4/ Obbo Shiisammaa G/sillaasee; hogganaa Biiroo Galiiwwanii,
 
5/Obbo Abdulqaadir Mahaammad; Abbaa Alangee Waliigalaa,
 
6/ Aadde Eefraah Alii; hoggantuu Biiroo Aadaa fi Tuuriizmii,
 
7/ Obbo Hayluu Luulee; hogganaa Biiroo Pabliik Sarviisii,
 
8/Obbo Zalaalam Muullataa; hogganaa Biiroo Barnootaa,
 
9/Injiinar Dammallaash Kabbadaa; hogganaa Biiroo Koonistiraakshinii,
 
10/Obbo Sixootaaw Taakkalaa; hogganaa Biiroo Geejibaa,
 
11/Obbo Nagaash Baacaa; hogganaa Biiroo Misooma Lafaa fi Maanaajimantii,
 
12/ Obbo Yimar Kabbadaa; hogganaa Carraa Hojii Uumuu fi Intarpiraayizii,
 
13/Obbo Makoonnin Tafarraa; hogganaa Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa,
 
14/Obbo Abdulfattaah Yasuuf; hogganaa Biiroo Daldalaa,
 
15/Obbo Addunyaa Dabalaa; hogganaa Biiroo Nageenyaa,
16/Obbo Abrahaam Taaddasaa; hogganaa Qindeessa Tola Oolmaa Dargaggootaa,
 
17/Obbo Waaqummaa Abbabaa; koomiishinara Koomiishinii Plaanii,
 
18/Obbo Taammiraat Diillaa; koomiishinara Koomiishinii Invastimantii,
 
19/Obbo Taazeer G/igzi’aabheer; hogganaa Biiroo Indaastirii,
 
Tasfaayee Kabbadaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.