Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaashamanneetti baalli sammuu namaa hadoochuu kiilo giraamni 400 to’atame

Finfinnee, Bitootessa 19, 2014 (FBC) –Bulchiinsa magaalaa Shaashamanneetti baalli sammuu namaa hadoochuu kiilo giraamni 400 too’atamuu Qajeelchi Poolisii magaalaa Shaashamannee beeksiseera.

Qajeelcha Poolisii magaalichaatti Qindeessaa kutaa sab-qunnamtii Inispeektar Taammiraat Abbabaa FBC’f akka himanitti, baala sammuu namaa hadoochuu kana waliin namoonni lama to’annoo jala ooluun dhimmi isaanii qulqullaa’uutti jira.

Odeeffannoon qajeelcha irraa argame akka mul’isutti, namoonni baalicha  mana ofii keessa dhoksan eeruu hawaasaatin sakatta’iinsa taasifameen kan argamedha.

Qajeelchichi rakkoo nageenyaa magaalaatti mudatuu malu furuuf qaamolee nageenyaa hundaa waliin qindoomuun hojjetaa jiraachuu Inispeektar Taammiraat kan himan.

Hawaasni magaalichaas akkuma kana duraa raawwachaa turetti ammallee qaama nageenyaatiif akka tumsu waamichi dhihaatera.

Getaachaw Mul’ataatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.