Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen naannoo Somaalee lammiilee hongeen miidhamaniif kan oolu baajataa dabalataa Birrii miiliyoona 70 raggaasiise

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Kaabineen naannoo Somaalee lammiilee hongeen miidhamaniif kan oolu baajataa dabalataa Birrii miiliyoona 70 raggaasiisuu Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Somaalee obbo Abdurqaadir Rashiid Du’aaleen ibsaniiru.

Manni Maree hojii raawwachiiftuu naannichaa guyyaa har’aa dhimmoota ijoo lamarratti mari’achuun ibsaniiru.

Lammiilee fi beelladoonni hongeen miidhaman hanga dandamatanitti deeggarsi itti fufuu akka qabu murtaa’uu eeraniiru.

Manni Maree hojii raawwachiiftuu kun magaaloota gurguddoo godinaalee fi iddoolee birootti lammiilee hongeen miidhaman deeggaruuf baajata dabalataa Birrii miiliyoona 70 raggaasiisu obbo Abdurqaadir Rashiid.

Mootummaan naannichaa qaala’iinsa gatii to’achuuf midhaan bituun hawaasaaf qaqqabisuuf murteessuu himuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.