Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti Talaalliin Qindaa’aa Fiixee Gadameessaa fi Covid -19 marsaa 4ffaan eegalame

Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC) – Naannoo Kibbaatti Talaallii Qindaa’aan Ittisa Fiixee Gadameessaa fi Covid -19 marsaa 4ffaan magaalaa Aarbaa Mincitti eegalame.

Talaalliin Fiixee Gadameessaa kun hanga Eebla 27, 2015tti kan laatamu yoo ta’uu shamarran umrii waggaa 14 laatama jedhameera.

Shamarraan kumni 400 ol talaallii Ittisa Fiixee Gadameessaa kana kan fudhatan ta’uu eerameera.

Akkasumas Eebla 28, 2015 hanga Caamsaa 3, 2015tti Talaalliin Covid – 19 kan laatamu yoo ta’uu, kutaalee hawaasaa umrii waggaa 12 ol ta’aniif laatama.

Kutaaleen hawaasaa garaa garaa miiliyoona 3 ta’an talaallii Covid -19 marsaa 4ffaa kana kan fudhatan ta’uu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasa naannichaa beeksiiseera.

Birihaanuu Bagaashawuu fi Usmaan Mahaammaditu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.