Fana: At a Speed of Life!

Aadaa wal kabajuu uummattoota Ityoophiyaa gidduu jiru cimsuuf shoorrii dhaabbilee amantaa olaanaadha jedhame

Finfinnee, Onkolooleessa 3, 2013 (FBC)- Ministeerri
Nageenyaa minseensa boordii yaa’ii dhaabbilee amantaa waliin har’a marii gaggeesseera.

Marichaanis aadaa wal kabajuu uummattoota Ityoophiyaa gidduu jiru ciminaan itti fufsiisuuf shoorrii dhaabbilee amantaa olaanaa ta’uu ibsameera.

Ministeera Nageenyaatti daayreektarri waliigalaa ijaarsaa nageenyaa aadde Asmaa Raddii, marichi dhaabbilee amantaa waliin hojiiwwan raawwatamanii fi waliigaltee uumuu kan kayyeeffate ta’u dubbataniiru.

Ministeerri nageenyaa yeroo itti aanuutti yaa’ii dhaabbilee amantaa Ityoophiyaa waliin wal tumsuun sadarkaa biyaalessaatti dhabbilee amantaa argaman waliin marii gaggeessuun karooraa waliiniirratti akka mari’atuu ragaan ministeericharra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.