Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Hospitaala dubartootaa fi daa’immanii Abbabach Goobanaatti argamuun haadholii da’aniif kennaa ayyaana laatan

Finfinnee, Eebila 15, 2014 (FBC)-Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee Hospiitala dubartootaa fi daa’immanii Abbabach Goobanaatti argamuun haadholii da’aniif kennaa ayyaana laachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Aadde Adaanach ayyaana Faasikaa sababeeffachuun hospitaalichatti argamuun haadholii da’anii fi daa’immaniif deeggarsa uffataa fi kennaa ayyaana laataniiru.

Dabalataanis giddugala guddisa daa’immanii hospitaala Abbabach Goobanaaf kennaa ayyaanaaf kan oolu sangoota 10 fi kanneen biroo laachuu ragaan waajjira kantiibaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.