Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Ambaassalitti rasaasni moortaaraa 16 to’atame

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – Godina Walloo Kibbaa Aanaa Ambaasaalitti rasaasni moortaaraa 16 yeroo sadaffaaf to’atamuu Waajjirri Milishaa Aanichaa beeksise.

Dursaan Garee Gurmaa’insa Humna Namaa fi Bobbii Nageenyaa Waajjirichaa Obbo Anteenee Haayilee, eeruu ummatarraa argameen rasaani moortaaraa kun to’atamuu ibsaniiru.

Rasaasni moortaaraa kun mana nama dhuunfaa keessatti dhokfamee ture har’a qabamuu kan ibsan Obbo Aanteneen, rasaasni moortaaraa kun gareen, ABUT naannawichaa wayita dheessetti gatee kan deeme ta’uu akka malu tilmaama jedhan.

Dabalataanis, hojiin naannawichaa sakatta’uu cimee itti fufuu eeraniiru.

Guyyaa har’aas rasaasni moortaaraa kun marsaa 3ffaaf kan to’atame yoo ta’u, duraanis haalumaa walfakkaataan gandoota aanichaatti rasaasni kun to’atamee turuu ragaan kominikeeshinii aanichaarra argame ni argisiisa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.