Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Daalochaatti re’een miila lamaa dhalatte

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Godina Silxee Aanaa Daalochaatti re’een tokko haala hinbaratamneen ilmoo miila lama qabdu dhaluun eerame.

Re’een kunis deeggarsaa Ogeeyyii Kilinika Fayyaa Beeyladaa Aanaa Daalochaan kan dhalatteedha jedhameera.

Re’ee lakkuu dhalatan keessaa kan jalqabaa qaama guutuun kan dhalatte yoo ta’u, kan lammataa haala hinbaratamneen miila lama kan qabdu ta’uu Ogeessi Fayyaa Beeyladaa Kilinikichaa Obbo Reeduwaan Iisaa himaniiru.

Re’een miila lamaa kun hanga ammaatti fayyummaa gaariirratti kan argamtu ta’uu eeramuu ragaan dhimmoota kominikeeshiinii Godina Silxeerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.