Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Horsiisee Bulaa Sabbaa Booruutti sababa hongee mudateen loon kumni 1 fi 800 ol du’uu himame

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2014 (FBC) – Godina Gujii Aanaa Horsiisee Bulaa Sabbaa Booruutti sababa hongeen mudateen loon kumni 1 fi 800 ol du’uu himameera.

Godina Gujii Aanaa Horsiisee Bulaa Sabbaa Booruutti bonni dheerachuun hongeen mudachuu isaan loon kumni 1 fi 800 ol du’uu fi loon kumni 6 fi 80 ammoo miidhaa cimaaf saaxilamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Sodaa Balaa Aanichaa,obbo Haayilee Hoxxeessaa himaniiru.

Loon sababa hongee kanaan du’aan Birrii miiliyoona 15 fi kuma dhibba 2 olitti kan tilmaamaman ta’uu himameera.

Gandootaa Aanaa Horsiisee Bulaa Sabbaa Booruu 12 rakkoon hongeen kun mudate keessaa gandoonni Dhakaa ilaalchaa,Dirree saphansaa fi Fiiga bikkee rakkoo ulfaataa keessaa jiraachuu obbo Haayileen dubbataniiru.

Horsiisee Bultoota miidhaan kun isaan dhaqabee jiru qaamni dhimmi ilaallatu kan sardarkaa sadarkaan jiru deeggersa nyaata beeyladootaa, bishaanii fi qoricha beeyladootaa akkasumas midhaan nyaataa namaaf akka taasisaniif irratti hojjachaa jiraachuu ibsuu isaanii OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.