Fana: At a Speed of Life!

Aanaa shaashamanneetti qeerroon deeggarroota nageenyaa filannoo boru gaggeeffamuuf qophii ta’uu ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC) – Aanaa shaashamanneetti qeerroon deeggarroota nageenyaa filannoo boru gaggeeffamuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaashamanneetti buufataaleen filannoo 107 kan jiran yoo ta’u, buufata filannoo Ganda Bulchaanaa Dannabaa buufata filannoo bulchaanaatti qophiin xumuramuu raawwachiisaan filannoo gandichaa obbo Shamsuu Mahaammad FBCtti himaniiru.
Akkasumas ganda Majaa Dammaa buuftaa Majaa Dammaa ‘A’ttis qophiin xumuramuu himameera.
Filannichi nagaan akka xumuramuufis qeerroo deeggartoota nageenyaa gurmaa’uun hanga filannoon xumuramutti nageenya naannawaa filannoo qaamolee nageenyaa waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu miseensi qeerroo deeggartoota nageenyaa dubbisne himeera.
Godinchatti nageenya filannoo eegsisuuf qeerroo deeggarroota nageenyaa gurmeessuun nageenya godinichaaf waardiyyummaa akka dhaabbatan hojjechaa jiraachuu himamera.
Dabalaa Taaddasaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.