Fana: At a Speed of Life!

Adaabbaatti balaa tiraafikaa lubbuun namoota 7 darbe

Finfinnee, Bitootessa 19, 2016 (FBC)- Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 7 yoo darbe.

Akkasumaas balichaan namoota afur irra miidhaan cimaan dhaqqabuun ibsameera.

Balichis Konkolaataa fe’umsaa Adaabbaa irraa gara Hangeetuu geessu iddoo adda Ejeersa Cumuluuggoo jedhamuutti kan mudate ta’uun eerameera.

Sababni balichaas ofeeggannoon konkolaachisuu dhabuu akka ta’e Abbaan Adeemsa Nageenyaa Tiraafikaa Waajjira Poolisii Aanaa Adaabbaa Gargaaraa Inispeektar Gammachuu Aannoota ibsuu ragaan Kominikeeshinii Godina Arsii Lixaarraa argame ni mul’isa.

Namoonni balichaan miidhaan irraa gahee mana yaalaatti geeffamuun wal’aanis taasifamaa jirachuu himmeera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.