Fana: At a Speed of Life!

Addunyaan weerara yeroo itti aanuu mudachuu danda’uuf qophaa’uu qabdi – Dooktar Teediroos

Finfinnee, Qaammee 3, 2012 (FBC) – Addunyaan weerara biroo yeroo itti aanuu mudachuu danda’uuf haalan of qophaassuu akka qabdu daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adhaanoom yaadachiiisan.
 
Bara Faranjootaa baatii Muddee,2019 Chaayinaa bulchiinsa Wubee magaalaa Wuhaanitti kan muudate vaayrasiin koroonaa yeroo ammaa namoota miiliyoona 27.1 ol irratti muula’ateera.
 
Hanga ammaatti lubbuu namoota kuma dhibba 8 fi kuma 88 fi 326 galaafateera.
 
Weerarri vaayrasii koroonaa kun weerara isa dhumaa miti jedhan daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom.
 
Addunyaan weerara biroo yeroo itti aanuu mudachuu danda’uuf haala kanaan duraa caalaa of qophaassuu qabdi jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.