Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti guyyaa tokkotti namoonni kumni 300 ol vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Fulbaana 4, 2013 (FBC)-Guyyaa tokkotti namoonni kumni dhibbi 3 kumni 7 fi 930 vaayrasii koroonatin qabamuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksisee.

Kunis lakkoofsa olaanaa ta’eet galmaa’eera.

Addunyaarratti vaayrasichaan kaleessa lubbuun namoota kuma 5 fi 500 darbeera.

Lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabaman galma’ees Hindi, Ameerikaa fi Biraaziil dursan argamuu.

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiseetti kaleessa, Hinditti namoonni 94,372, Ameerikatti namoonni 45,523 fi Biraaziilitti 43,718 vaayrasichaan qabamaniiru.

Vaayrasichi erga muul’ate addunyaarratti namoonni miiliyoonni 29 ol dhibichaan qabamaniiru.

Kumni dhibbi 9 ol ammoo lubbuun isaanii darbeera.

Namoonni miiliyoonni 21 ol ammoo dandamataniiru.

Ityoophiyatti namoonni 64301 vaayrasichan yoo qabaman, lubbuun namoota 1013 darbeera.

Namoonni 24983 ammoo dandamantaniiru.

Maddi:-BBC fi Wordometer

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.