Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsii namoota Covid-19 qabamanii miiliyoona 25 darbe

Finfinnee, Hagayya 24, 2012 (FBC)- Chaayinaa bulchiinsa magaalaa Wuhaanitti kan muuldhate Covid-19 addunyaarratti namoota miiliyoona 25 ol qabeera.

Addunyaa qormaata hamaa keessa kan galche vaayrasichi yeroo gara yerootti tamsaa’inni isaa ariitiin dabala dhufeera.

Kanafiis adduunyaarratti namoonni miiliyoonni 25 ol vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuun namoota kuma dhibba 8 oliis darbeera.

Ta’uus namoonni miiliyoonni 17.5 ol dandamataniiru.

Addunyaarratti biyyoonni akka Ameerikaa, Biraaziil, Hindi fi Peeruun weerara vaayrasichaan sadarkaa 1 hanga 5 qabataniiru.

Ameerikaatti namoonni miiliyoonni 6.1 ol vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuu namoota kuma dhibba 1 oliis darbeera.

Biraaziilitti ammoo namoonni miiliyoonni 3.8 Covid -19 yoo qabaman, namoonni kuma dhibba 1 oliis lubbuu isaanii dhabaniiru.

Hindittis namoonni miiliyoonni 3.5 vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuun namoota kuma 63 olii darbeera.

Peeruuttis namoonni kumni dhibbi 6 ol vaayrasichaan yoo saaxilamaan, kumni 28 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.

Ityoophiyaattis hanga gabaasni kun qindaa’eetti namoonni kumni 49,654 Covid -19 yoo qabaman, lubbuun namoota 770 darbeera.

Maddi:- Worldometers

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.