Fana: At a Speed of Life!

Addunyarraatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 20 caale

Finfinnee, Hagayya 4, 2012 (FBC) – Addunyarraatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 20 caale.

Addunyaarratti namoota vaayrasii koroonaan qabaman miiliyoona 2 fi kuma 26 fi 186 keessaa namoonni kumni dhibbi 7 fi kumni 34 fi 20 lubbuun darbaniiru.

Akka ragaan ‘Woorlidoomeetirs’ irraa argame muul’isuutti hanga ammaatti namoonni miiliyoonni 12 fi kumni dhibbi 9 fi 661 dhibichaarraa dandamataniiri.

Yeroo ammaa namoonni vaayrasichi irratti argamu miiliyoona 6 fi kuma dhibba 3 fi kuma 91 fi 505 ta’uu ragaan argame ni agarsiisa.

Namoonni kumni 64 fi 827 wallaansa cimaa keessatti argamu.
Ardii Afrikaattis namoota miiliyoona 1 fi kuma 52 fi 40 dhibichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma 23 fi 324 darbeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.