Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa baruu barsiisuu eegalsiisuuf haalota jiran qo’achaa akka jiru Ministeerri Barnootaa beeksise

Finfinnee, Qaammee 3, 2012 (FBC) – Adeemsa baruu barsiisuu eegalsiisuuf haalota jiran qo’achaa akka jiru Ministeeriri Barnootaa beeksise.

Deettaan Ministiri ministeerichaa obbo Miliyoon Maatiyoos adeemsa barnootaa ilaalchisee ibsa kennaniin, sababa koviid-19 manneen barnootaa kuma 42 ol keessatti barattoonni miliyoona 26 ol barnootarraa adda citanii turaniiru jedhu.

Kanaaf bara barnoota 2013tti haala itti adeemsi baruu barsiisuu itti adeemsifamu qo’achaa jiraachuu ibsaniiru.

Haala qo’annichaatiin daree barnootaa tokko keessa barattoonni 20 hanga 25 qofa akka taa’aaniif haala dandeesisuufi dhiisuu danda’u adda baasuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Ejansiin Pirees Ityoophiyaa akka gabaasetti fageenya barattoota eegsisuuf teessuma tokkorra barataa tokko qofa kan teesifamu yoo ta’u, keniinsi barnootaa faraqaa akka ta’u, kutaalee barnootaa dabalataan ijaaruufi ni raawwatamu.

Kana ka’umsa godhachuu naannooleen tokko tokko ijaarsa daree barnootaa dabalataan ijaarsisaa kan jiran yoo ta’u, naannoleen hafanis haaluma wal fakkatuun itti fufu.

Manneen barnootaa keessatti bishaan gahaan, saanitaayizariin, maaskiin gahaan akka jiraatuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.