Fana: At a Speed of Life!

Afrikaa Bahaatti lammiileen miiliyoonni 6 balaa lolaan miidhaman

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Afrikaa Bahaatti lammiileen miiliyoonni 6 ol balaa lolaan miidhamuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.
 
Bara kana lammiileen balaa lolaan naannichaatti miidhaman kan waggoota arfan darbanii caalaa dachaa 5niin dabaluu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ifoomseera.
 
Naannicha iddoolee tokko tokkotti hammii roobaa bara kana muul’ate jaarraa tokkoo as isa olaanaa ta’uu ibsameera.
 
Bara Faranjootaa 2016 namoota miiliyoona 1.1, bara 2019 namoota miiliyoota 4 irra balaan lolaa qaqqabuu isaa dhaabbatichi yaadachiisuun, bara kana lammiileen miiliyoonni 6 miidhamuu ibseera.
 
Ityoophiyaatti lammiileen miiliyoonni 1.1 balaa lolaan miidhamuu isaanii Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gabaaseera.
 
Sudaan balaa qaqqabeen sadarkaa duraarratti kan argamtu yoo taatu, biyyattiitti namoonni 120 lubbuu kan dhaban yoo ta’u, namoonni kumni dhibbi 8 fi kumni 60 qa’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aniiru.
 
Sudaan Kibbaattis namoonni kumni dhibbi 8 ol balaa kanaaf saaxilamaniiru.
 
Bruundii, Jiibuutii, Ruwaandaa, Soomaaliyaa, Taanzaaniyaa fi Ugaandaan biyyoota Baha Afrikaa balaa kanaan daraan miidhaman ta’uu dhaabbatichi ifoomseera.
 
Maddi:- BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.