Fana: At a Speed of Life!

Afrikaa Kibbaatti balaa lolaa mudateen lubbuun namoota 300 darbuu gabaafame

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Afrikaa Kibbaa magaalaa Darbaanitti balaa lolaa mudateen lubbuun namoota 300 darbuu gabaafame.

Balaa lolaa kanaan daandiiwwanii fi manneen hedduun miidhamuu fi  namoonni dhibbi 3 du’uu gabaafameera.

Barbaachi namoota lubbuun isaanii darbee cimee itti fufuu fi  lakkoofsi namoota balaa kanaan du’anii dabaluu akka danda’u ibsameera.

Balaa kanaan maatii tokko keessaa namoonni 10 du’uun hedduu gaddisiiseera.

Jiraattonni magaalichaa qe’ee isaanii gadhiisanii baqachuuf yaalanus daandiiwwan lolaan waan guutaniif dheessuu akka hin dandeenye ibsameera.

Preezdaantiin biyyattii Riil Raamaafoozaan magaalaa Darbanitti argamuun namoota balicharraa hafan daawwachuu fi miidhaa balichi qaqqabsiiseen gadduu isaanii ibsuu Afrikaa Niwus gabaaseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.