Fana: At a Speed of Life!

Afrikaa Kibbaatti gosti Koroonaa haaraan argame

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC) – Afrikaan Kibbaa gosa vaayrasii Koroonaa haaraa argachuu beeksiiseefti.
Qorattoonni gosa vaayraasii C .1.2 jedhamu kanarratti hordofii taasiisaa jiraachuu ibsameera.
Gosti vaayrasii haaraan kun Afrikaa Kibbaa dabalataan Biyyoota Afrikaa 7 , Eeshiyaa, Awurooppaa fi Ooshiiniyaatti muul’achuu himameera.
Qorattoonni amalaa fi haala vaayrasichaa qorachaa jiraachuu ibsameera.
Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti dursaan garee Teeknikaa vaayrasii koroonaa Maariiyaa Vaan Karkihoov gosti vaayrasii kun tatamsaa hin jiru jedhan.
Gosti Deeltaa tatamsa’uun sadarkaa duraa qabachuu ibsuun, inni haaraan kun kan tatamsa’u taanaan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa kan beeksiisu ta’uu dubbataniiru.
Afrikaa Kibbaatti namoota miiliyoona 2 fi kuma dhibba 7 fi kuma 70 fi 575 vaayrasichaan qabaman keessaa hanga ammaatti lubbuun namoota kuma 81 fi 830 darbeera.
Maddi:-BBC
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.