Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan Kibbaa guyyaan namoota kuma dhibba 2f talaalli Covid -19 laachuuf karoorfatte

Finfinnee, Bitootessa 20, 2013 (FBC) – Afrikaan Kibbaa Baatii Caamsaa 2021 eegaltee guyyaan namoota kuma dhibba 2f talaalli Covid -19 laachuuf karoorfachuu ibsameera.
Afrikaan Kibbaa biyyoota Afrikaa weerara vaayrasii koroonaan daraan miidhaman keessaa ishee duraati.
Hanga ammaatti lammiilee biyyattii miiliyoona 1.5 vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni kumni 50 ol lubbuun darbaniiru.
Akka gaazeexaan biyyattii ‘Sunday Times newspaper’ ifoomseetti hanga dhuma baatii Eebilaatti talaalliin miiliyoonni 2.8f gara biyyattii ni gala jedhame.
Hanga ammaattis qaamolee saaxilamoo ta’an kuma dhibba 2 fi kuma 31 fi 605 talaallii kana fudhataniiru.
Afrikaan Kibbaa ummata biyya ishee 2/3 yookaa miiliyoona 40f talaallicha laachuuf karootfachuu himameera.
Mootummaan biyyattii talaallii miiliyoona 20 argachuu ibsee tura.
Walakkaa waggaa booda dhiyeessiin qorichaa dabalaa kan dhufu ta’uu himameera.
Talaallichaaf buufataaleen kumni 2 ol ni qophaa’u jedhame.
Weerarri vaayrasii koroonaa biyyoota Afrikaa keessatti daraan dabalaa jiraachuu ibsameera.
Hanga ammaatti Ardii Afrikaatti namoota miiliyoona 4 fi kuma dhibba 2 fi kuma 19 dhibichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 1 f kuma 12 fi 215 darbeera.
Maddi:- CGTN
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.