Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti lakkoofsi namoota vayraasii koroonaan qabamanii kuma 81 caale

Finfinnee, Caamsaa 9, 2012 (FBC) – Afrikaatti lakkoofsi namoota vayraasii koroonaan qabamanii kuma 81 caaleera.

Afrikaatti lakkoofsii namootaa vaayrasichaan qabamanii kuma 81 fi 608 ga’uu ragaan ni muul’dhisa.

Kanaafis Afrikaan kibbaa lakkoofsa bal’aa ni qooddatti.

Biyyattitti namoonni kumni 14 fi 335 vaayrasichaan qabamaniiru.

Lubbuun namoota 261 ammoo darbeera.

Kumni 6 fi 478 ammoo warreen dandamataniidha.

Akkasumas Gibtsitti namoonni kumni 11 fi 719 vaayrasichaaf yoo saaxilaman, 612 ammoo lubbuun darbeera.

Kumni 2 fi 950 ammoo dandamataniiru.

Aljeeriyaatti kumni 6 fi 821 vaayrasichaan yoo qabamaan, 542 lubbuun yoo darbu, kumni 3 fi 409 ammoo dandamataniiru.

Morookootti ammoo kumni 6 fi 741, Gaanaatti kumni 5 fi 735 fi Kaameeruunitti kumni 3 fi 105 namoota vaayrasichaan qabamaniidha.

Kanaanis waliigalan Afrikaatti namoonni kumni 31 fi 122 yoo dandamataan namoonni kumni 2 fi 708 ammoo warreen lubbuu isaanii dhabaniidha.

Maddi፡-africanews.com

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.