Fana: At a Speed of Life!

Akka biyyatti qajeelfamoonni ittisa vaayrasii koroonaa bahaan hojiirra ooluu akka qaban yaadachiifame

Finfinnee, Eebla 1, 2013 (FBC)- Akka biyyatti qajeelfamoonni ittisa vaayrasii koroonaa bahaan hojiirra ooluu akka qaban Waajjirri Eegumsa Fayyaa magaalaa Shaashamannee yaadachiseera.

Magaalichattii  hojiirra oolmaa qajeelfamoota kanniinirratti qaamolee hawaasa garagaraa waliin mari’atameera.

Hawaasa keessaatti of dagannaa jiruun guyyaa gara guyyaatti lakkoofsii namoota vaayrasichaan qabamanii dabalaa jiraachuu ibsameera.

Keessumaattu iddoowwan namoonni itti heddummaatanii fi manneen waaqeffannaa keessattis qajeelfamoonni kunniin hojiirra oluu akka qaban itti gaafatamaan waajjira eegumsa fayyaa magaalichaa obbo Tashoomaa Mahaammad ibsaniiru.

Jaarsoliin biyyaa fi Abbootiin amantaa hawaasa hubachiisurratti jabaatanii akka hojjetan himaniiru.

Magaalichatti qorannoo vaayrasii koroonaa hanga ammaatti namoota 5,115  gaggeeffamee keessaa 825  qabamaniru.

Namoonnii 706 vaayraasiicharraakan dandamatan yoo ta’u, 106 yaalii cimaa keessaatti argamuu jedhameera.

Waliigala  Lubbuun  namoota 18  darbeera.

Kanneen qoratamaan keessaa % 16 vaayrasichaan qabamaniiru.

Hawaasni haguugduu afaanii fi funyaanii, fageenyaa qaama akka eeggatuus obbo Tashoomaa Mahaammad ibsaniiru.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.