Fana: At a Speed of Life!

Akka falaasamaa fi duudhaa Oromootti Odaan bakka Waaqni hariiroosaa nama wajjiin itti haroomsate

Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC) – Akka falaasamaa fi duudhaa Oromootti Odaan bakka Waaqni hariiroosaa nama wajjiin itti haroomsate jedhama.

Akkaataa Duudhaa Sirna Gadaa Oromootiin Odaan Maali?
Aadaa fi Seenaa Oromoo keessatti Odaan, akka madda nagayaafi mallattoo eenyummaa,tokkummaa Ummata Oromootti ilaallama.

Faayidaa duudhaa Oromoof qaburraa kan kahe Odaan, mukoota jiran keessa baayyee kabajamaadha.

Ardaan jila Oromoo hedduun maqaa Odaatiin yaamamu.Fakkeenyaaf Odaa Nabee,Odaa Bisiil,Odaa Bulluq,Odaa Bultum,Odaa Roobaa,Odaa Girjaa,Odaa Garaadoofi kkf.Odaaleen gurguddoon ni jiru.

Bifa kanaan Odaaleen (Ardaan Jilaa) gara 300 caalan jiraachuu ni danda’u, yaa ta’uuti garuu, namoonni hedduun Odaan Shan qofa jechuun dubbatu.Kun garuu seenaa Ardaalee jilaa beekuu dhaburraa kan maddu tahu hayyoonni seenaafi aadaa barreessaniiru.

Ardaa jilaa kamirrattu Odaatu moggaafama,yoo Odaan dhabamellee mukuma biraa itti moggaasu.

Odaa tokorratti miseensi Gadaa Shananuu Odaa ofii ni qabaatu.Kanaaf, Odaan Shanan Gaaddisa Shanan Gadaa kana jala taa’anii kan mari’ataniidha.

Odaaleen gurguddoo gosaa Odaa Nabee- Tuulama, Odaa Bisil- Macca, Odaa Roobaa-Arsii, Odaa Girjaa- Gujii yoo tahan, lafa Odaan hin jirreetti Gumii jedhama.Fakkeenaaf Gumii Gaayoo,Gumii Mi’ee Bokkuu.

Gadaan maqaa miseensaan Odaa malee, Alangaa shan,Barcuma shan,Waraana shan,Miseensa Gadaa Shan waan qabuuf, seerri tumamu kamiyyuu maqaafi beekamtii shananiin kan deeggaramu tahu ittiin ibsa.

1.Odaa Nabee- Bulchiinsa Magaalaa Galaan,

2.Odaa Roobaa-Godina Baalee,

3.Odaa Bisil- Godina Shawaa Lixaa,

4. Odaa Bultum- Godina Harargee Lixaa,

5.Odaa Bulluq- Godina Horro Guduruu Wallaggaa,

6.Odaa Garaadoo- Oromoo Walloo Kamisee,

7. Gumii Gaayoo- Godina Booranaa

8.Gumii Mi’ee Bokkuu- Godina Gujii

Sirni Gadaa Odaa jaarraa 12ffaarra eegalee raawwachaa kan ture yoo tahu,hanga dhuma jaarraa 19ffaatti, jiddugala siyaasaa,diinagdee fi hawaasummaa Ummata Oromoo tahe tajaajila akka ture hayyoota Aadaafi Seenaatiin qoratameera.

Qorannoo Hayyoota Seenaafi Aadaarraa kan Qindaa’e.
Maddi:- OBN

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.