Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Alamtsaay Ministira Ministeera Bishaanii fi Naannoo Yuugandaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC)-Yuugaandaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Alamtsaay Masarat Ministira Ministeera Bishaanii fi Naannoo Yuugandaa Saam Chiiptooriis  waliin mari’ataniiru jedhame.

Hidhi haaromsaa guddichaa sagantaa karoorfameen hojjetamaa jiraaachuu, hojii  magariisummaa Ityoophiyaa gara biyyoota ollaatti babal’isuuf irratti  karoorfatamee hojjetamaa jiraachuurratti marii’ataniiru.

Haala yeroo Ityoophiyaa hordofee Waxabajjii darbe filannoon biyyoolessaa gaggeeffamuu fi mootummaa haaraan kan hundaa’u ta’uu kaasuun isaanii ibsameera.

Kana malees gareen shororkeessaa ABUT waamicha waraana gamtokkeen dhaabuu fudhachuu diduun ijoollee gara waraanaatti bobbaasaa akka jiru, lammiilee nagaa naannoolee Amaaraa fi Affaariin miidhaa akka jiruu fi bu’uuraalee misoomaa barbadeessaa kan jiru ta’uu Ambaasaaddar Alamtsaay ibsaniiru.

Saam Chiiptoores gamasaaniitiin, haala yeroo Ityoophiyaa xiyyeeffaannaan kan hordofan ta’uu ibsuun, rakkoolee jiran furuufis humna kan qabdu ta’uu ibsaniiru.
Hidha haaromsaa guddicha ilaalchisees biyyoota yaa’a laga Abbayyaa gidduutti haala hunda fayyadamoo taasisurratti mari’achuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Ijaaramuun hidhichaa biyyoota yaa’a lagichaaf yaa’iinsa bishaanii to’achuurra darbee gama anniisaa elektirikaatiin faayidaa inni qabu Ityoophiyaaf qofa osoo hin taane Afrikaafis faayidaa rogdaneessa kan qabudha jedhan.
Sichii Ityoophiyaan gama Ashaaraa Magariisummaan taasistu dinqisiifachuun hojii gaarii kana gara Yuugandaatti fudhachuu akka barbaadan Ministirichi Ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna..

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.