Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Chaayinaarra qoqqobbii haaraa keesse

Finfinnee, Guraandhala 4, 2015(FBC)- Ameerikaan Chaayinaarra qoqqobbii haaraa kaa’uu gabaafame.

Ameerikaan biyyattiirra qoqqoobbicha kan keesse Ministeerri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa(Peentaagan) afuuffee Chaayinaan gadi lakkistee turte kan basaasaati jechuun miisaa’elaan rukutee erga buuseen booda.

Ameerikaan dhaabbilee Chaayinaa Sagantaa Nageenyaa Beejiing waliin hariiroo qabu jedhe jaha irra qoqqobbi haaraa kaa’uu beeksiseera.

Ministeerri Daldalaa Ameerikaa ibsa baaseen, dhaabbileen kunneen tattaaffii fooyyessa loltummaa keessumaa sochiilee sagantaa Eeroospees waliin walqabatan deeggaruun galmee gurraacha keessa seenuu ibseera.

Qoqqobbii haaraan kun tattaaffii dhaabbileen kunneen teekinooloojiiwwan Ameerikaa argachuuf taasisan rakkoo keessa kan galchu jedhameera.

Qoqqobbichi Teekinooloojii Eeroospeesii Naanjiing Beejiibgiifi Dhaabbata Qorannoo Korporeeshinii Giruuppii Teekinooloojii Elektirooniksii Chaayinaa 48ffaa kan dabalatu ta’uu RTn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.