Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan naannoo Tigraayitti deeggarsa yeroo ariifachiisaf doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 81 ifoomsite

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC)- Dhaabbanni Deeggarsa Idil Addunyaa Ameerikaa naannoo Tigraayitti deeggarsa yeroo ariifachiisaaf kan ooluu Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 81 ifoomsiteetti.

Deeggarsichi naannichaatti lammiilee deeggarsi barbaachisuu miiliyoona 3 kan ooluu ta’uu dhaabbatichi ibseera.

Deeggarsa nyaataa, bishaan dhugaatii, da’aannaa,tajaajilaa fayyaa dabalatee tajaajiloota bu’uraalee dhiyeessuu kan dandeessisu ta’uu hogganaan dhaabbata deeggarsa idil addunyaa Ameerikaa Saaamnaat Paawaar ibsaniiru.

Kanarra darbees qonnan bultootaaf sanyii fi xaa’oo dabalatee galteewwaan qonnaa dhiyeessuu kan ooluudha jedhaniiru.

Dabalataanis deeggarsichi sagantaa dhiibbaa xinsammuu fi hawaaasumma dandamachiisuuf kan ooluu ta’uu ragaan dhaabbatichaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.