Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Taayiwaaniin hidhachiisuu akka dhaabdu Chaayinaan gaafatte

Finfinnee, Hagayya 24, 2014 (FBC) – Ameerikaan Taayiwaaniin hidhachiisuu kan itti fuftu yoo ta’e “tarkaanfii cimaan fudhadha”jechuun Chaayinaan akeekkachiiste.

Ameerikaatti Dubbi Himaan Embaasii Chaayinaa Liiyuu Piingiyuu, bulchinsa Baayidan kan akeekkachiisan Waashingitan Taayiwaanitti meeshaalee waraanaa Doolaara biiliyoona 1.1tti tilmaamu dhiyeessuuf qaama seera baastuu biyyattii gaafachuuf karoorfachuun erga dhaga’amee booda ta’uun eerameera.

Liiyuu Pingiyoo, Ameerikaan meeshaalee waraanaa Taayiwaanitti gurguruuf kan yaadde imaammataa “Chaayinaa tokkoo” akksumas, waliigalteewwan dippilomaasummaa Ameerikaa fi Chaayinaa gidduutti mallateeffaman kan cabsuu fi kan hanqisuudha jechuun hubachiisaniiru.

Waliigalteewwan akkanaa “Fottoqxoota jajjabeessa, muddama naannawichaatti babal’isa” jedhan.

Waan ta’eef, hariiroon loltummaa Ameerikaan Taayiwaan waliin taasistuu fi gurgurtaa meeshalee waraanaa hatattamaan akka dhaabdu jechuun gaafachuu RT’n gabaaseera.

Yaadni kun yoo hinkabajamne Chaayinaan birmadummaa fi nageenya ishee kabachiisuuf tarkanfii murteessa fi cimaa akka fudhattu akeekkachiisaniiru.

Akka gabaasichaatti bulchiinsi Baayidan Taayiwaaniif misaa’ela farraa doonii Doolaara miiliyoona 355 akkasumas, misaa’eloota farra xiyyaaraa Doolaara miiliyoona 85.6 gurguruuf yaaddeetti.

Dabalataanis raadaarii hordoffii Doolaaraa miiliyoona 655.4 dhiyeessuuf karoorfachuun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.