Fana: At a Speed of Life!

Awurooppaatti furdinni hammaan ol ta’e sadarkaa yaaddessaarra ga’uu ifoome

Finfinnee, Eebila 26, 2014 (FBC) – Awurooppaatti furdinni hammaan ol ta’e sadarkaa yaaddessaarra ga’uu gabaasni ifoomseera.

Awurooppaatti furdanni hammaan ol ta’e ‘bifa weerara fakkatuun’ sadarkaa yaaddessaarra ga’uusaa gabaasichi kan eeree.

Akka gabaasichi ibsutti furdinni lammiileen Awurooppaa  hammaan ol ta’e yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa karoora bara Faranjoota 2025tti furdinaa fi dhukkuboota daddarboo hin taanee hir’isuuf kaa’e gama Awurooppaatiin kan hin eegne ta’uusaa ibseera.

Awurooppaatti waggaatti sababa furdina gar-maleetiin lammiilee miiliyoona 1.2 ta’an lubbuu isaanii yoo dhaban, kumni 200 ol ammoo dhibee kaansariif saaxilamaniiru.

Daa’imman umriin isaanii barnootaaf hin geenye furdina hammaan ol ta’eef saaxilamaa akka jiran gabaasichi eerera.

Dargaggoota umrii dargagummaarra jiraniirratti ammantaan furdina gar malee akka hir’atus ibsameera.

Rakkicha furuuf dhugaatiwwan mi’aawoo ta’an irratti gibira dabaluu, nyaata daa’immanii fayyaa qabeessa hin taane beeksisaarra dhorkuu akkasumas nyaata fayyaa qabeessa ta’an deeggarsi taasifamuu akka qabu gabaasichi hubachiiseera.

Maddi:-RT

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.