Fana: At a Speed of Life!

Baankichi tajaajila baankii dhala irraa bilisaa “Koopbank Alhuda” irratti waltajjii hubannoo cimsuu gaggeessaa jira

Amajjii 1, 2015(FBC)- Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa tajaajila baankii dhala irraa bilisaa “Koopbank Alhuda” irratti  waltajjii hubannoo cimsuu fi marii gaggeessaa jira.

Baankichi tajaajila dhala irraa bilisaa cimsuun hawaasa fayyadamoo taasisuuf  abbootii amantaaa, maamiltootaa fi qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamaatti marii gaggeessaa jira.

Ittaanaan Preezidaantii kutaa Tajaajila baankii dhala irraa bilisaa baankichaa obbo Godaanaa Qaabatoo haasawaa taasisaniin, baankichi maamiloota miliyoona 10 horachuu eeruun, kanneen keessaa miliyoonni 2.6 ol tajaajilamtoota dhala irraa bilisaa ta’uu ibsaniiru.

Baankichi  hanga ammaatti Birrii biliyoona 18.8 maamiltoota isaarraa walitti qabuu ibsuun, maallaqa kuufamaa walitti qabame keessaa Birrii biiliyoona  16.9 ol deebisee maamiloota isaatiif faayinaansii gochuun baankota dhuunfaa biyyattii kessa adda duree ta’uu ibsaniiru.

Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.