Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Adduyaa interpiraayizoota oomishaa gadaanaa fi giddugaleessaaf Doolaara miiliyoona 200 dabalataan ramade

Finfinnee, Adoolessa 29, 2014 (FBC) – Baankiin Adduyaa interpiraayizoota oomishaa gadaanaa fi giddugaleessaaf Doolaara miiliyoona 200 dabalataan ramaduu Misoomni Intarpiraayizii Ityoophiyaa beeksise.

Misooma Intarpiraayizii Ityoophiyaatti, pirojektiin faayinaansii interpiraayizoota gadaanaa fi giddugaleessaa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ate.

Maricharratti Daayrektarrii olaanaa Misoomaa Intarpiraayizii Ityoophiyaa Obbo Birruu Waldee dabalatee hoggantoonni biirolee naannolee fi kanneen biroon hirmaataniiru.

Obbo Birruu Waldee, interpiraayizoonni oomishaa, diinagdee Ityoophiyaa indaastiriin durfamu ijaaruuf tattaaffii taasifamuu tumsuuf gahee olaanaa akka qaban kaasnaiiru.

Interpiraayizoonni oomishaas galma qabameef akka ga’aniif qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundi qindoominaan hojjechuu akka qaban eeraniiru.

Qindeessituun Pirojektii Faayinaansii Inatrpiraayizoota Gadaanaa fi Giddugaleessaa Aadde Yemanziwarqi Girafee gama isaaniin, pirojektichi caasaan naannolee hundaa guddinaa fi bu’aa qabeessummaa damechaaf tattaffii gama isaanii taasisa jiru jedhan.

Haaluma kanaan Baankiin Addunyaa kanaan dura Doolaara Ameerika miiliyoona 276 ramadetti dabalataan Doolaara miiliyoona 200 ramaduu beeksisaniiru.

Dabalataan baajatichi dhiibbaa weerarri vaayirasii koroonaa iterpiraayizootaarratti uume tilamaamuun kan eeyyame ta’uu ibsaniiru.

Faayinaansichi interpiraayizootaaf tajaajila liizii maashinaa, liqii hojii gaggeessuu fi misooma hojii daldalaaf akka oolu himameera.
Pirojektichi erga eegalee lammiilee kuma 4 fi 609 fayyadamtootaa taasisuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.